Aangoo fi Hojii Biiroo
Aangoo fi hojiin Biiroo kamiyyuu ergamaa fi kaayyoo Biirichi hundeeffame irraa madda. Haala kanaan, Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaas, tajaajila hojii Abbaa Alangummaa Naannicha keessatti olaantummaan kan kennuu yommu ta’u, kunis sirna heeraa fi seeraa kabachisuu, olaantummaa seeraa mirkaneessuu, mirgootaa fi bilisummaawwan lammiilee kabachisuu fi dantaa mootummaa fi Uummataa kabachisuun tajaajila haqaa kennuudha. Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa bu’uura labsii lakk. 214/ 2011 keewwata 7 fi Labsii Lakk.236/2013 akkasumaas seerota biroon aangoo fi gahee hojii armaan gadii kan qabuudha. Isaanis
Qoodinsa aangoo fi gahee hojii dhimmoota Yakkaa Biirichaaf kennamanii fi caasaa isaa sadarkaan jiraniin seera rogummaa qabuu fi hojmaata diriireen hojjetama kan jiruudha. Aangoon dhimmoota yakkaa Biirichaaf kennamanis: