Nu Qunnamaa   0115508204    info@oagb.gov.et                   

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    BaniinsaYaa'ii Abbootii Alangaa Naannoo Marsaa1ffaa Magaala Adaamaa
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Eebbifamtoota bara 2014
  • Slide Background Image
    Leenjii Hooggansaa bara 2012-2013
  • Slide Background Image
    Ardaa Marii

You are here

 

Waa’ee Hundeeffama Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa

Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa qaama seera raawwachiiftuu tajaajila Abbaa Alangummaa kennu isa ol’aanaa Naannichaati. Yeroo ammaa kanatti Biiroon maqaan isaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa jedhamee beekamu kun hundeeffama isaa irraa kaasee hanga har’aatti maqeeffamni, gurmaa’insi, aangoo fi hojiin isaa jijjiiramaa kan as ga’ee dha. Hundeeffamni Biiroo kanaa kufaatii sirna Mootummaa Dargiin booda biyyi teenya sirna Federaalawaa hordofuu yeroo eegaltu hundeeffama Naannolee bu’uura godhachuudhaan Chaartara Mootummaa Yeroo Ce’umsaa Lakkoofsa 2/1985’n Manni Hojii Abbaa Alangaa dhaabbata tokko ta’ee akka hundeeffamuu fi kenni tajaajila Abbaa Alangummaas bilisummaa isaa eeggachuun  akka kennamu Chaartara kanaan tumamuu danda’ee jira.

Akkaataa Chaartara kana keessatti tumameen osoo hin ta’in Labsii Mootummaa Ce’umsaa Qaama Raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakkoofsa 5/1985’n maqaa Biiroo Dhimma Seeraa Oromiyaa jedhamuun hundaa’ee jira. Mootummaa Ce’umsaatiin booda garuu Labsii Lakkoofsa 6/1986tiin maqaa Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Naannoo Oromiyaa jedhamuun kan moggaafame yommuu ta’u, yeroo sanatti manni hojichaa kaayyoowwan qabatee hundaa’eef keessaa mirgootaa fi bilisummaawwan lammiilee kabachiisuu, ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu, seerotni bahan osoo hin jallatin akka hojii irra oolan taasisuu, fi hubannoo seeraa hawaasaa gabbisuu galmaan gahuuf jecha bilisummaa guutuun kenna tajaajila Abbaa Alangummaa akka kennuuf jecha labsiidhaan addatti akka hundaa’u ta’ee ture.

Haata’u malee, Amajjii 9 bara 1988 irraa eegalee maqaan Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Naannoo Oromiyaa jedhus ta’ee labsiidhaan addatti hundaa’uunis hafee maqaan isaa kun gara Biiroo Dhimma Seeraa Oromiyaa jedhamuun labsii Qaamolee Raawwachiiftuu Mootummaa Naannichaa Hundeessuuf Bahe Labsii Lakkoofsa 7/1988tiin akka waamamu ta’ee jira. Yeroo kanas Biirichi Qajeelcha Poolisii fi Bulchiinsa Manneen Adabaa waliin walitti dabalamee maqaa kanaan akka waamamau ta’uu danda’ee jira. Labsiin tun eegumsaa fi bilisummaan ogummaa Abbaa Alangummaa Labsii Lakkoofsa 6/1986 tumamee ture akka hafu waan taasifameef hojiin ogummaa Abbaa Alangummaa sirna haqaa fi kabajamuu mirgoota dhala ilma namaa irratti dhiibbaa ol’aanaan akka qaqqabuuf karaa bantee kan turteedha.

Haaluma walfakkaatuun Bitootessa 23 bara 1994 irraa eegalee bu’uura Labsii Qaama Raawwachiiftuu Mootummaa Naannichaa Hundeessuuf Tumame Labsii Lakkoofsa 50/1994tiin Qaamolee Raawwachiiftuu biroo waliin labsii kana jalatti maqaa Waajjira Muummichaa Dhimma Bulchiinsaa fi Haqaa jedhamuun akka haaraatti hundaa'ee ture. Yeroo kanas Biiroo Dhimma Seeraa, Waajjira Dhimma Bulchiinsa Uummataa fi Qindeessaa Godinootaa, Waajjira Dhimma Naannolee Ollaa, Waajjira Milishaa, Komishiinii Poolisii fi Bulchiinsa Mana Sirreessaa of jalatti bulchaa turee jira.

Bara 1995 immoo aangoo fi hojii Abbaa Alangummaa Labsii Lakkoofsa 71/1995niin Waajjira Muummichaa Dhimma Bulchiinsaa fi Haqaa irraa hir’ifamee Komishiinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaatiif dabarfamee kennamee jira. Bu’uura labsii kanaatiin aangoon yakkoota malaammaltummaa irratti eeruu simachuu, qorachuu fi himachuun murtii kennisiisuu gara Komishiinichaatti darbee ture. Haalli kunis aangoon uumamaa(inherent power) Abbaa Alangummaa giddu-galeessa tokko ture labsii kanaan faffaca’uu eegaluu isaa kan agarsiisuu dha. Labsii kanaan aangoo fi hojii Komishiiniif dabarfamee kennameen ala kan jiru akkuma qabateen bara 1997 Fulbaana 16 irraa eegalee immoo maqeeffamni isaa Biiroo Haqaa fi Nageenyaa jedhamuun bu’uura Labsii Qaama Raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebiin gurmeessuuf bahe Labsii Lakkoofsa 87/1997tiin hojii kenna tajaajila Abbaa Alangummaa fi nageenya kabachiisuu hojjachaa turee jira.

Bara 1998 immoo Biiroo Haqaa Naannoo Oromiyaa jedhamuun tajaajila Abbaa Alangummaa irratti akka xiyyeeffatu Labsii Gurmaa'ina Qaamolee Raawwachiiftuu Naannoo Oromiyaa Labsii Lakkoofsa 105/1998tiin qaama raawwachiiftuu waliin bakka tokkotti hundaa'ee jira.

Haata’u malee, akkuma bara 1995tti aangoon uumamaa Abbaa Alangummaa Biiroo Haqaa Oromiyaa bara 2005s dhimma yakkoota gumuruukaa fi taaksii ilaalchisee aangoon eeruu simachuu, qorannaa fi himannaa dhiheessuun murtii kennisiisuu Labsii Lakkoofsa 175/2005tiin Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Oromiyaatiif akka dabarfamu ta’ee jira. Kun akkuma jirutti ta’ee bara 1998 hanga Fulbaana 28 bara 2011tti maqaa Biiroo Haqaa Oromiyaa jedhuun tajaajila Abbaa Alangummaa kennaa turee jira.

Haata’u malee, bara 1995 irraa eegalee hojiin kenna tajaajila Abbaa Alangummaa Naannoo Oromiyaa qaamolee adda addaatiin bifa faffaca’een kennamaa ture bu’aa qabeessa waan hin turreef aangoo uumamaa Abbaa Alangummaa kana walitti qindessuun hojii Abbaa Alangummaa si’ataa, qulqulluu fi dhaqqabamaa ta’e kennuun ol’aantummaa seeraa mirkaneessuun tajaajila ogummaa Abbaa Alangummaa iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabaatee hirmaachisaa ta’e kennuuf yaadamee Mana Hojii Abbaa Alangaa bu’aa qabeessa, amantaa Uummataa qabu, akkasumas bilisummaa ogummaa fi dhaabbatummaa gonfate hundaa’ee Naannicha keessatti sirni heeraa fi seeraa akka kabajamuu fi ol’aantummaan seeraa akka mirkanaa’u, akkasumas, mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa lammiilee heeraa fi seeraan eegaman kabajamuu isaanii mirkaneessuuf jecha aangoo fi hojii bal’aa ta’e waliin Fulbaana 28 bara 2011 Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Naannoo Oromiyaa Labsii Lakkoofsa 214/2011’n qaamolee raawwachiiftuu naannichaa biroo irraa addatti of danda’ee labsiidhaan kan hundaa’e yommuu ta’u, aangoo fi hojii Labsii Lakkoofsa 214/2011 fi 236/2013 akkasumas seerota birootiin kennameef akkuma eegametti ta’ee maqaan isaa garuu Labsii Qaamolee Raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Deebiidhaan Gurmeessuu, Aangoo fi Hojii Isaanii Murteessuuf Bahe, Labsii Lakkoofsa 242/2014 tiin Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa jedhamee akka waamamu ta’ee jira.    

Akkuma armaan olitti ibsamuudhaaf yaalametti Biiroon Abbaa Alangaa hundeeffama isaa irraa eegalee hanga ammaatti maqeeffamni, gurmaa’insii, aangoo fi hojii dhaabbata kanaa jijjiiramaa bu’aa bayii hedduu hojii ogummaa Abbaa Alangummaa irratti dhiibbaa geessisan keessatti ciminaalee, hanqinaalee fi rakkooleen hedduun kan turanii fi ammallee kan hin furamne kan jiran akkuma eegametti ta’ee, Biirichi kaayyoo fi galma hundeeffameef milkeessudhaaf yeroo ammaa riiformiiwwan adda addaa taasisuudhaan hojiin sirna heeraa fi seeraa kabachiisuu, ol’aantummaa seeraa mirkaneessu, mirgootaa fi bilisummaa lammiilee kabachiisuu fi dantaa uummataa fi mootummaa karaa bu’a qabeessa ta’een kabachiisuu danda’u uumuu keessatti qixa seeraatiin shoora ol’aanaa isa irraa eegamu bahachuudhaaf tattaafii cimaa taasisaa kan jiruu dha.

             Hundeeffama