Nu Qunnamaa   0115508204    info@oagb.gov.et                   

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    BaniinsaYaa'ii Abbootii Alangaa Naannoo Marsaa1ffaa Magaala Adaamaa
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Eebbifamtoota bara 2014
  • Slide Background Image
    Leenjii Hooggansaa bara 2012-2013
  • Slide Background Image
    Ardaa Marii

You are here

Seensa

Biiroon Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa tajaajila irraa eegamu uummata Naannichaatiif haala haqa qabeessa, saffisaa, dhaqabamummaa fi qulqulina qabuun kennuuf riifoormiiwwaan gara garaa hojii irra oolchaa kan jiru yemmuu ta’u, bu’aaleen gaariin galmaa’aa turuun isaa ni hubatama. Riifoormiiwwan bocamanii hojiirra oolaa turan kun tajaajilli Abbaa Alangummaa caalmaatti miira itti-gaafatamumma, qindomina, itti fufiinsafi haala iftoomina qabuun akka kennamuu danda’u taasisuun amantaa ummanni Biiroo Abbaa Alangaa irratti qabu fi tajaajilamtoonnis mirgaa fi dirqama isaanii beekuun tajaajila barbaadan akka argatan gochuuf yaadamanii hojii irraa kan oolaniidha.

Gama birootiin lammiileen tajaajila qaama tajaajilicha kennu irraa argatan, haala itti argatan, bakka tajaajilichi itti kennamu, sadarkaan tajaajilli (sevice istandard) itti kennamu, ifatti beekuun akka itti fayyadaman taasisuun hojii kenniinsa tajaajilaa irratti lammiileef iftoomina uumuu keessa isa ijoo ta’uu qofa osoo hin taane lammiileen tajaajila argachuu qaban irratti mirgaa fi dirqama isaanii beekuun akka itti fayyadaman kan gargaaru ta’uun isaa ni hubatama. Akkasumas, kenniinsa tajaajilaa seektaraalee mootummaa irratti haala kanaan iftoomina uumuun qajeeltoowwan heera mootummaatiin taa’e keessaa isa ijoodha. Karaalee iftoominni haala kanaan ittiin uumamu keessaa Chaartariin Lammiilee isa duraati.

Hordoffiin hojiirra oolmaa isaa harcaatii kan qabu ta’uus Chaartariin Lammiilee akka Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaatti armaan dura qophaa’ee ittiin hojjatamaa kan ture yoo ta’u sababa Chaartariin Lammiilee tokko amaluma isaatiin jijjiirama hojii fi yeroo waliin fooyya’aa deemuu waan qabuufi Angoofi gaheen hojii Biiroo Abbaa Alangaa, akkasumas caaseffamni Biirichaa yeroo gara yerootti fooyya’aa waan tureef chaartarii Lammiilee Biirichaa fooyyessuun hojiirra oolchuun barbaachisaa dha.

Kanaaf, Chaartariin kunis garaagahiinsa tajaajilamtootaa kan mirkaneessu, tajaajila si’ataa, qulqulluu fi haqa qabeessa ta’e tajaajilamtootaaf dhiyeessuuf; mul’ata, ergama, duudhaalee, gahee hojii fi aangoo Biiroo Abbaa Alangaa ka’umsa godhachuun istaandardii kenninsa tajaajilaa, mirga fi dirqama tajaajilamtootaa, gosa tajaajiilaa, bakka tajaajilli itti kennamu fi haala tajaajjilli itti kennamuu akkasums tajaajila argachuuf haal[1]dureewwan guutamuu qaban of keessatti qabachuun haala arman gadiitiin qophaa’ee jira.

         Chaartariin Lammiilee