Nu Qunnamaa   0115508204    info@oagb.gov.et                   

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    BaniinsaYaa'ii Abbootii Alangaa Naannoo Marsaa1ffaa Magaala Adaamaa
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Eebbifamtoota bara 2014
  • Slide Background Image
    Leenjii Hooggansaa bara 2012-2013
  • Slide Background Image
    Ardaa Marii

You are here

             Murtiilee Barsiisoo

Dhimma

Himatamaan yakkaa gochaa yakkaa raawwachuun himannaan Abbaa Alangaa isa dhaqqabe Mana Murtii dhimmicha ilaaluuf aangoo qabutti dhiyaachuun falmii erga eegaleen booda, himatamichi dhimmi ittiin himatame mirga wabii waan hin dhorkisiisneef wabiin alaa deddeebi’uun kan falmatu ta’ee, erga ragooleen Abbaa Alangaa dhagahamuun akkaataa seera deemsa falmii yakkaa keewwata 142tiin himatamaan gochaa yakkaa raawwachuu ragaan gama Abbaa alangaa dhiyaate waan hubachiseef, himatamaan akkaataa Heeraa fi Seera Deemsa falmii yakkaan ragaa ittisa qaba jedhu dhiyeeffachuun akka ofirraa ittisuuf yookiin ragaa ittisaa dhiyeeffatuuf beellamni qabameefii himatamaan kan miliqe yookiin bade yoo ta’e,

                                                              Dhimma

Badii tokkoof Adabbiinis Tokkuma

Dhimmi kun Galmee Lakk.134549 ta‘e irratti Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa  Federalaatiin hiikoo Dirqisiisaa kan argateedha.

Ka’umsi dhimmichaas namni maqaan isaa Abbabaa Tafarraa Alamuu jedhamu Eebla 21 bara 2007 duutuu maqaan ishee Ayyaan Gabboobee jedhamamuun waamamtu mana kireeffatee itti jiraatutti galfachuudhaan qorichoota ogeessa fayyaa qofaan malee namaa kennamuu hin dandeenye Diiyaazeeppoom fi tiraamaadoo jedhamuun beekaman lilimoodhaan akka fudhattu waraanee akka isheen of wallaaltu erga taasiseen booda nafsaala ishee immoo hodhee qoricha lilimoon kennameef irraa kan ka’e harganuu dadhabdee lubbuun ishee darbuu danda’eera.

Gochaa yakkaa raawwatame kanaaf Abbaan Alangaa Mootummaa Federaalaa himatamaa Abbabaa Tafarraa irratti himannaa lama, ajjeechaa dagannootiin seera yakkaa kwt.543 (3) fi nafsaala dubartii hodhuutiin immoo seera yakkaa kwt. 566(1) jalatti, hundeessudhaan Mana Murtii Ol’aanaa Federaalaatti dhiheessuu danda’ee jira.

                                                  Badii tokkoof Adabbiinis Tokkuma