Nu Qunnamaa   0115508204    info@oagb.gov.et                   

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    BaniinsaYaa'ii Abbootii Alangaa Naannoo Marsaa1ffaa Magaala Adaamaa
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Eebbifamtoota bara 2014
  • Slide Background Image
    Leenjii Hooggansaa bara 2012-2013
  • Slide Background Image
    Ardaa Marii

You are here

Xinxalaa qorannoo Sakatta’insa GURMAA’INSAA, caseffamaA, SEERAA, FI hojmaata Biiroo Abbaa Alangaa waligala Oromiyaa

Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa sirni haqaa Naannichaa akka cimuu fi ol’aantummaan seeraa qixa barbaadameen akka mirkanaa’u, mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa lammiilee heeraa fi seeraan eegaman akka kabajaman, dantaa uummataa fi mootummaa karaa bu’a qabeessa ta’een kabachiisuun hojii kenna tajaajila Abbaa Alangummaa si’ataa, qul­qulluu, dhaqqabamaa, iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabu taasisuu fi Biiroo kenna tajaajilaatiin bu’aa qabeessa, amantaa uummataa horate gochuuf yaadamee bara 2011 Labsii Lakkoofsa 214/2011’n addatti akka gurmaa’u taasifamee bu’uura kanaan hojiitti galamee hojjatamaa kan jiruu dha.

Manni hojii mootummaa tajaajilaa uummataa kennu tokko galmoota akka Biiroo isaatti  taa’anii fi milkaa’ina, ergamaa fi mul’ata isaa galma barbaadamu irraan gahuuf jecha caaseffama, gurmaa’insaa fi hojmaata mataa isaa kaayyoo fi galma yaadame fiixaan baasisuu isa dandeessisu diriirsuun fi bakkeewwan hanqinni mul’atetti immoo yeroo  yeroodhaan sakatta’ee tarkaanfiiwwan sirreeffamaa fudhachaa adeemuun isa irraa eegama. Kunis tajaajila uummataa kennamu keessatti walitti dhufeenyi hojii Biiroo fi caasaalee isaa sadarkaa sadarkaan jiran, hooggansa fi raawwataa, dhimmamtootaa fi maamiltoota jidduutti jiru karaa iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabuun hojmaata isaa keessatti yoo diriirsee hojii irra oolche qofaa dha.

Kanaaf jecha, Biirichis bara 2011 akkuma hundaa’een caasaa, gurmaa’insaa fi hojmaata diriirfatee ittiin hojjachaa ture caalmatti fooyyeffachuudhaan kenna tajaajila Abbaa Alangummaa si’ataa, qul­qulluu/bu’a-qabeessa, dhaqqabamaa, iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabu sirnaan lafa qabatee amantaan uummataa caalmatti akka jiraatu taasisuuf yaadamee haala bal’ina, walxaxiinsa hojii, dirqama ol’aanaa ol’aantummaa seeraa mirkaneessuuf heeraa fi seeraan itti kenname bifa gahumsa qabuun raawwachuu kan dandeessisu gurmaa’insi, caaseffamni, hojmaanni fi seerotni jiran irra deebiin sakkata’amanii xiinxalamuudhaan qorannoon kun bara 2013 qophaa’ee dhihaachuu danda’ee jira.

                                      Sakatta’insa GURMAA’INSAA, caseffamaa, Seeraa, FI hojmaataa Mana Hojii Abbaa Alangaa waligala Oromiyaa