Nu Qunnamaa   0115508204    info@oagb.gov.et                   

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    BaniinsaYaa'ii Abbootii Alangaa Naannoo Marsaa1ffaa Magaala Adaamaa
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Eebbifamtoota bara 2014
  • Slide Background Image
    Leenjii Hooggansaa bara 2012-2013
  • Slide Background Image
    Ardaa Marii

You are here

Aangoo fi Gahee Hojii Waajjira Boordii Dhiifamaa, Mirga Namoomaa fi Tumsa Gamtaa

Gurmaa’iinsa haarawa Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Labsii Lakk.214/2011 bu’uura godhachuun bara 2012 keessa Waajjira Boordii Dhiifamaa fi Mirga Namoomaa jedhamee  kan hundaa’e yoo ta’u bara 2014 irraa eegalee ammoo moggaafama “Waajjira Boordii Dhiifamaa, Mirga Namoomaa fi Tumsa Gamtaa” jedhamee akka waamamuu fi gurmaa’u godhameera. Waajjirri kun maqaa fi haala kanaan yoo gurmaa’u seerota gaditti tarreeffaman bu’uura godhachuun/tilmaama keessa galchuun kan gurmaa’e ta’uu isaa ni hubatama.  Kuniis:

  1. Labsii Sirna Dhiifamaa Oromiyaa lakk.114/1998 kew.10 jalati qaama Biiroo Haqaa Oromiyaa kan ta’e Waajjirri Boordii dhiifamaa akka hundaa’u tumameera.
  2. Waajjirri qindeessaa karoora/sagantaa raawwii mirga namoomaa seektarootaa  Biiroo Haqaa mootummaa naannoolee keessatti hundaa’uu qaba jedhamee sanada biyyoolessaa karoora/sagantaa raawwii mirga namoomaa (National Action Plan Of Human Right)  waggaa shan shaniti marsa marsaan Mana Marii Bakka Bu’ootaatiin bara 2005 irraa eegalee bahee hojiirra oolaa turee ammas hojiirra oolaa  jirru keessatti tumamee jira. Akkasumas labsii lakk. 214/2011 kew. 7(30) jalati kan ilaalamees kanuma kan cimsuudha.              

                Gahee Hojii Waajjira Boordii Dhiifamaa, Mirga Namoomaa fi Tumsa Gamtaa