Nu Qunnamaa   0115508204    info@oagb.gov.et                   

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    BaniinsaYaa'ii Abbootii Alangaa Naannoo Marsaa1ffaa Magaala Adaamaa
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Eebbifamtoota bara 2014
  • Slide Background Image
    Leenjii Hooggansaa bara 2012-2013
  • Slide Background Image
    Ardaa Marii

You are here

Ergaa Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa

Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa hojiilee gurguddoo labsiidhaan kennamaniif afur galmaan gahuuf hojjata. Hojiileen kunniinis: Seeraa fi Sirna Heeraa kabachiisuu, Ol’aantummaa Seeraa kabachiisuu, Seera Yakkaa kabachiisuu fi Dantaa Hariiroo Hawaasaa Mootummaa Naannichaa fi Uummataa kabachiisuudha.

Kana irraa ka’uun ergaa ani dabarsuu barbaadu; Miseensonni mana hojii keenyaa Biiroodhaa hanga Aanaatti jirtan hundi Ergamaa fi Mul’ata Biiroon keenya qabatee hojjachaa jiru hubachuudhaan haqa uummanni keenya nurraa barbaadu gahumsaan mirkaneessuu qabdu. Tajaajilli nuti hawaasa keenyaaf kenninu qulqullinaa fi saffina qabaatee; loogii kami irraayyuu bilisa ta’uu qaba. Kanaanis uummata garaa gahuutu nurraa eeggama.  Maammiltoota keenyas fuula gaariin simannee fala kennuun gammachiisuu qabna. ‘’Jirbiin wal taatee Arba hiiti’’ akkuma jedhamu; nuti akka hawaasa mana hojii kanaatti hanga fedhe kutannoo fi fedhiin yoo hojjannuuyyuu, mul’ata akka Biirootti milkeessuuf qabanne bira gahuudhaaf, tumsaa fi deeggarsa qaamolee haqaa hunda wajjin tokkummaan hojjachuun milkaa’ina hojii sirna haqaatiif haa tumsinuun dhaamsa kooti.

Dhuma irratti, qaamoleen mootummaas ta’e, miti mootummaa, akkasumas uummanni keenya sirna haqaa biyya keenyaa kabachiisuu keessatti gaheen qabdan ol’aanaa waan ta’eef galma gahiinsa kaayyoo Biiroon keenya hundaa’eef milkeessuuf tumsaa fi deeggarsa sadarkaa kamittuu isin irraa barbaannu akka nuuf taasiftan dhaamsa kiyyan dabarsa.

Horaa Bulaa!

Guyyoo Waariyoo

Hoogganaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa

Sadaasa Bara 2015