Nu Qunnamaa   0115508204    info@oagb.gov.et                   

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    BaniinsaYaa'ii Abbootii Alangaa Naannoo Marsaa1ffaa Magaala Adaamaa
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Eebbifamtoota bara 2014
  • Slide Background Image
    Leenjii Hooggansaa bara 2012-2013
  • Slide Background Image
    Ardaa Marii

You are here

                            Ergama (Mission)

Naannoo Oromiyaa keessatti namoota heeraa fi seera darbanii fi gocha yakkaatiin shakkaman seeratti dhiyeessuun murtii saffisaa fi haqa qabeessa ta’e itti kennisiisuun ol’aantummaa seeraa mirkaneessisuudhaan nagaa fi tasgabbii uummatichaa eegsisuu,dantaa hariiroo hawaasaa ummataa fi mootummaa kabachiisuu, ragaa seera qabeessa ta’e galmeessuu, hubannoo seeraa hawaasichaa gabbisuu, seerotni sadarkaa isaanii eegataniifi heera mootummaan walsiman akka wixineeffamanii fi bifa walfakkaatuun hojii irra akka oolu taasisuu.

                            Mul’ata (Vision)

Bara 2017tti naannoo Oromiyaa keessatti tajaajila Abbaa Alangummaa raawwii caalmaa qabu kennuun sirna haqaa amantaa uummataa horate uumuu dha.

                             Duudhaalee (Core Values)

  • Olaantummaa seeraa
  • Faayidaa uummataa eegsisuu fi dursa kennuu
  • Bilisummaa Ogummaa
  • Itti gaafatamummaa
  • Iftoomina
  • Hojimaataa badaa fi malaamaltummaa jibbuu
  • Fakkeenyummaa
  • Hirmaachisummaa
  • Tajaajila gahumsa qabu kennuu
  • Jijjiiramaaf qophaa’uufi hojjechuu
  • Beekumsaa fi amantaan hogganuu
  • Miira tajaajiltummaa qabaachuu fi
  • Aadaa gareen hojjachuudha.