Ergaa Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa
Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa hojiilee gurguddoo labsiidhaan kennamaniif afur galmaan gahuuf hojjata. Hojiileen kunniinis: Seeraa fi Sirna Heeraa kabachiisuu, Ol’aantummaa Seeraa kabachiisuu, Seera Yakkaa kabachiisuu fi Dantaa Hariiroo Hawaasaa Mootummaa Naannichaa fi Uummataa kabachiisuudha.
Kana irraa ka’uun ergaa ani dabarsuu barbaadu; Miseensonni mana hojii keenyaa Biiroodhaa hanga Aanaatti jirtan hundi Ergamaa fi Mul’ata Biiroon keenya qabatee hojjachaa jiru hubachuudhaan haqa uummanni keenya nurraa barbaadu gahumsaan mirkaneessuu qabdu. Tajaajilli nuti hawaasa keenyaaf kenninu qulqullinaa fi saffina qabaatee; loogii kami irraayyuu bilisa ta’uu qaba. Kanaanis uummata garaa gahuutu nurraa eeggama. Maammiltoota keenyas fuula gaariin simannee fala kennuun gammachiisuu qabna. ‘’Jirbiin wal taatee Arba hiiti’’ akkuma jedhamu; nuti akka hawaasa mana hojii kanaatti hanga fedhe kutannoo fi fedhiin yoo hojjannuuyyuu, mul’ata akka Biirootti milkeessuuf qabanne bira gahuudhaaf, tumsaa fi deeggarsa qaamolee haqaa hunda wajjin tokkummaan hojjachuun milkaa’ina hojii sirna haqaatiif haa tumsinuun dhaamsa kooti.