Nu Qunnamaa   0115508204    info@oagb.gov.et                   

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    BaniinsaYaa'ii Abbootii Alangaa Naannoo Marsaa1ffaa Magaala Adaamaa
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Eebbifamtoota bara 2014
  • Slide Background Image
    Leenjii Hooggansaa bara 2012-2013
  • Slide Background Image
    Ardaa Marii

You are here

Aangoo fi Gahee Hojii Daayrektoreetii Dhimmoota Yakka Adda Addaa

Daayrektoreetiin Dhimmoota Yakka Adda Addaa bu’uura Labsii Lakkoofsa 214/2011 keewwata 7 fi Labsii Lakkoofsa 236/2013tiin aangoo fi gahee hojii armaan gadii ni qabaata.

  1. Qorannaa Yakkaa Hoogganuu
  • Iyyannoo yookiin eeruu yakkaa simachuudhaan qajeeltoo heeraa fi seeraa irratti hundaa’udhaan qorannaan yakkaa dhugaa akka baasuu danda’utti hojjachuu
  • Qorannaan yakkaa karaa ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu fi mirga namoomaa haala kabajuu fi kabachiisuun ta’uu akka qabutti sirna qorannaa yakka hoogganuu
  • Adeemsa qorannaa keessatti mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa lammiilee heeraa fi seeraan eeggaman kabajamuu isaanii mirkaneessuu;
  • Seerota biraatiin aangoon Poolisiif kenname akkuma eegametti ta’ee, dhimmoota yakkaa aangoo mana murtii Naannichaa ta’an, akkasumas dantaa mootummaa fi uummata Naannichaatiin walqabatee Magaalaa Finfinnee keessatti raawwataman irratti barbaachisaa ta’ee bakka argametti qorannoon yakkaa akka jalqabamu taasisuu; qorannoo yakkaa gaggeeffamu hoogganuu; hordofuu; faayidaa uummataa bu’uura godhachuun yookiin dhimmichi yakkaan kan hin gaafachiisne ta’uun ifatti yammuu beekkame qorannoon jalqabame akka addaan citu yookiin qorannoon yakkaa addaan citee ture akka itti fufu taasisuu;

                                              Daayrektoreetii Dhimmoota Yakka Adda Addaa