Nu Qunnamaa   0115508204    info@oagb.gov.et                   

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    BaniinsaYaa'ii Abbootii Alangaa Naannoo Marsaa1ffaa Magaala Adaamaa
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Eebbifamtoota bara 2014
  • Slide Background Image
    Leenjii Hooggansaa bara 2012-2013
  • Slide Background Image
    Ardaa Marii

You are here

Aangoo fi Hojii BAAWO Daayirektoreetii Qo’annoo, Qophii Wixinee fi Hordoffii Seeraa Ilaallatan

Aangoofi hojii BAAWO seerota adda addaa keessatti hammatamee jira. Kanneen keessaa aangoofi hojiin Daayireektoreetii Qorannoo, Wixinee fi Hubannoo seeratiin raawwatamuu qaban Labsii Hundeeffama Mana Hojichaa Labsii Lakk 214/2011 fi Fooya’insa isaa Labsii Lakk 236/2013 fi Labsii, Lakkoofsa 222/2012 jalatti bal’inaan hammatameera. Kanneen abbummaan Daayirektoreetichaan raawwataman gabaabinaan kanneen armaan gadiiti:

  • Imaammata haqaa yakkaa fi tarsiimoo ittisa yakkaa biyyattii irratti hubannoo uumuun qaamota biroo waliin qindaa’ee hojiirra oolchuu.
  • Seerotni bahan hojiirra ooluufi hojiirra oolmaan isaaniis walfak­kaatinsa kan qabu ta'uu mirkaneessuu;
  • Manneen hojii qaama raawwa­chiistuu mootummaa Naan­nichaa hojii isaanii bu'uura seer­aatiin raawwachuu isaanii mirkaneessuu;
  • Dhimma seeraa irratti qaamolee mootummaatiif gorsaa seeraa kennuu;
  • Qajeelfama Qophii Wix­inee Seeraa Mana Hojii irraa dhiyaatu simatee xiinxaluun yookiin dhimmoota aangoo Biirichaa ta'an ir­ratti seera baasuun yoo bar­baachise Wixinee Seeraa  qopheessuu ;

           Daayirektoreetii Qo’annoo, Qophii Wixinee fi Hordoffii Seeraa