Nu Qunnamaa   0115508204    info@oagb.gov.et                   

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    BaniinsaYaa'ii Abbootii Alangaa Naannoo Marsaa1ffaa Magaala Adaamaa
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Eebbifamtoota bara 2014
  • Slide Background Image
    Leenjii Hooggansaa bara 2012-2013
  • Slide Background Image
    Ardaa Marii

You are here

   

   Qaamolee Itti Waamamaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa

  1. Komishinii Manneen Sirreessaa Oromiyaa

Komishiniin Manneen Sirreessaa Oromiyaa ergama hojii olaantummaa seeraa mirkaneessuu keessatti namoota yakkaan himatamuun adabaman amala isaanii sirreessuuf, murtiilee adabbii manneen murtiin kennaman raawwachisuuf kan hundeeffame yoo ta’u, Itti Waamamni Komishiniin Manneen Sirreessaa Oromiyaa yeroodhaa gara yerootti jijjiirama kan ture yoo ta’ees, Labsii lakk.199/2013 keewwata 13(5)tiin Biiroo Abbaa Alangaa waliigalaaf (Biiroo Haqaa Oromiyaa yeroo sanaa) ta’uun seeraan murtaa’ee jira. Yeroo ammaa kanaas akkaataa Labsii Lakk.242/2014tiin Itti Waamamni Komishinii Manneen Sirreessaa Oromiyaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaatiif akka ta’e ni kaa’a. Komishinichi bu’uura Labsii Lakk.242/2014 keewwata 42tiin aangoofi hojii armaan gadii kan qabuudha. Isaanis:

  • Qabiinsa mirga sirreeffamtoota seeraa haala walfakkaataan akka kabajamu gochuu
  • Poolisii filatee leenjiisuu, barsiisuu, bakka hojii barbaachisuutti ramaduun hojjechisuu, leenjii kennuu, akka kennamu taasisuu,
  • Sirreeffamaan Mana Sirreessaa seenu ajaja mana murtiin qofa ta’uu mirkaneeffachuu
  • Sirreeffamaan jijjiirama amalaa fi ilaalchaa akka fiduufi gara hawaasaatti akka makamuuf hojii dandeessisan raawwachuu
  • Wiirtuu Leenjii ogummaa adda addaa hundeessuu fi Sirreeffamtoonni lammii oomishawaa akka ta’aaniif hojjechuu
  • Sirreeffamtoonni fayyaa qabeessa akka ta’an, hamilee fi qaamaan akka cimaan iddoo ispoortii fi bashannaanaa qopheessuu
  • Haala qabiinsa sirreefamtoota sababa addaan qabiinsa addaa barbaadaniif haala mijeessuu
  • Sirreeffamtootaaf baajata ramadamuun nyaata gahaa dhiyeessuu fi dubartootaa fi daa’immaniif haadha waliin jiraniif kunuunsa addaa taasisuu

Qaamolee Itti Waamamaa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa