Nu Qunnamaa   0115508204    info@oagb.gov.et                   

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    BaniinsaYaa'ii Abbootii Alangaa Naannoo Marsaa1ffaa Magaala Adaamaa
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Eebbifamtoota bara 2014
  • Slide Background Image
    Leenjii Hooggansaa bara 2012-2013
  • Slide Background Image
    Ardaa Marii

You are here

 

Tajaajila Daarektoreetii Mirkaneessa, Galmeessa Sanadootaa fi Kenna Hayyamaa

Daayirektoreetiin Mirkaneessa, Galmeessa Sanadootaa fi Kennaa Hayyamaa Daayirektoreetii Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa jalatti gurmaa’uun aangoo fi hojii Biirichaaf Labsii 214/2011 keewwata 7((44) (45) (46) (47) (48)) jalatti  kenname kan raawwatuudha. Kunis Ogeessota seeraa naannicha keessatti tajaajila abukaatummaa irratti bobba’uu barbaadaniifi ulaagaa guutanii akkasumas barreessitoota dhimma seeraatiif hayyama ni kenna; ni haaromsa; ni hordofa; ni to’ata; ni dhorka; ni haqa; qaamolee dhimmi ilaalu waliin sirni tajaajila deeggarsa bilisa seeraa abukaatotaan ittiin kennamu ni diriirsa, tajaajilichi akka kennamu ni taasisa; waldaaleefi dhaabbilee miti
mootummaa bu’aaf hin hundeeffamne ni galmeessa; hayyama qaama seerummaa ni kenna; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hordofa; ni to’ata; gabaasa raawwii hojii dhiyaatu irratti hundaa’uun hayyama ni  haaromsa; ni dhorka; ni haqa; ni hordofa; ni to’ata; waldaaleefi dhaabbilee miti mootummaa Mootummaa Federaalaa irraa hayyama fudhatanii naannicha keessatti hojjatan ni to’ata; qaama  dhimmi ilaaluuf ni gabaasa; hojiiwwan mirkaneessaafi galmeessa ragaalee qaamolee birootiif seeraan hin kennamne ni raawwata; ragaa ni kenna; dabalatas hayyama abukaatummaa kennuun naamusa isaanii hordofuu fi kenniinsa tajaajila bilisa seeraa abukaatotaan kennamuu qabu akka kennamu hojii taasisuu ni hojjeta.

                Tajaajila Daarektoreetii Mirkaneessa, Galmeessa Sanadootaa fi Kenna Hayyamaa