Bara 2014 irraa eegaluun immoo maqaa amma qabatee jiru Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa jedhamuun akka waamamu ta’ee hojjechaa jira.

  • 26 Apr 2024
  • Posted by adminattorney
  • 0 Comments

Maqaafi gurmaa’insi biirichaa yeroodhaa gara yerootti jijjiiramaa kan ture yoo ta’e illee, aangoofi hojii isaa keessatti dhimmootni ijoon irratti hojjetu kan walfakkaatoodha.

Kunis Abbaan Alangaa Ummataafi Mootummaa bakka bu’uudhaan Heerrii fi seerri akka hojii irra oolu taasisuuf, nama gocha badii yakkaa raawwate irratti himata hundeessuuf, falmii gaggeessuuf, hubannoo seeraa hawaasaa cimsuuf, gorsaa Mootummaa ta’uun tajaajiluu, akkasumas ol’aantummaa seeraa karaa guutuu ta’een hojii irra akka ooluu fi mirkanaa’u taasisuuf qaama dhaabbatee hojjechaa turee fi jiru ta’uu cuunfaa aangoo waliigalaa isaa irraa hubachuun ni danda’ama.