Biiroon Abbaa Alangaa waliigalaa Oromiyaa gamaggama gaggeessaa

  • 13 Feb 2024
  • Posted by Anonymous (not verified)
  • 0 Comments

Biiroon Abbaa Alangaa waliigalaa Oromiyaa gamaggama gaggeessaa ture erga goolabee booda leenjiin haala Biyyaa fi Naannoon keenya yeroo ammaa keessa jiru irratti leenjiin guyyaa tokkoof turu kennamaa jira. Leenjiin kun Mootummaan kan kennamu ta'ee mariif ka'umsa kan ta'u dokimenterii haala qabatamaa Oromiyaa keessa jiruu fi dararaa uummanni keessa jiru ibsuudhaan akka irratti mari'atamu dhiyaatee jira.

Hirmaattonni waltajjii marii kanaas ajandaa dhiyaate irratti yaadaaf gaaffii kaasuudhaan hirmaannaa ho'aa taasiauun rakkoo jiru kana maqsuu keessatti hirmaannaan hawwaasaa fi jiraataa biyya kanaa murteessaa ta'uu yaadota ka'an irraa hubatamee jira. Hooggansi Biiroo keenyaas yaadota ka'aniif dhimmoota gaafataman karaa namni hubachuu danda'uun yaadaa fi deebii itti kennanii jiru.