Biiroon Abbaa Alangaa waliigalaa Oromiyaa Ogeessota seeraa Abukaatummaaf galmaa'an calalee qormaataaf dhiyeesse

  • 13 Feb 2024
  • Posted by Anonymous (not verified)
  • 0 Comments

Biiroon Abbaa Alangaa waliigalaa Oromiyaa Ogeessota seeraa Abukaatummaaf galmaa'an calalee qormaataaf dhiyeesse

Biiroo Abbaa Alangaa waliigalaa Oromiyaatti Dameen kenna Tajaajila seeraa Ogeessota seeraa hayyama Abukaatummaa fudhachuu barbaadan beeksisa baasuun galmeesse kanneen ulaagaa guutan erga calalee booda guyyaa hara'aa magaala Adaamaatti Qormaata barreeffamaa Ogeessota 135 /dhibbaaf soddomii shan/ ta'aniif kennee jira.

Qormaatichi jalqabuun duras Naamusa Ogeessonni kun hordofuu qabanii fi Maalummaa kenninsa Tajaajila Abukaatummaa irratti yaada fi kallattii isaan qormaaticha qoramuu keessatti hordofuu qaban kan dubbatan kabajamoo ob. Biyyaa Raayyaa It/Aanaa Biiroo Abbaa Alangaa waliigalaa Oromiyaa fi Hoogganaa Damee Tajaajila seeraati.