Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa raawwii hojii baatii jahaa magaala Bishooftuutti qorachaa jira.

  • 13 Feb 2024
  • Posted by Anonymous (not verified)
  • 0 Comments

Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa raawwii hojii baatii jahaa magaala Bishooftuutti qorachaa jira.

Biirichi raawwii karoora hojiisaa kurmaana 2ffaa bara kanaa Abbootii Alangaa fi Hojjetoota Bulchiinsaa naannoo irra jiran waliin gamaggamma jira.

Waltajjii gamaggamaa kana irratti haasaa baniinsaa taasisuun kan jalqabsiisan Abbaan Alangaa Waliigalaa Oromiyaa kabajamoo obbo Guyyoo Waariyoo kaayyoon gamaggama hojii ciminaalee fi hanqinaalee raawwii karoora hojii batii jahaa bara kanaa adda baafachuun harcaatiifi rakkoolee gamaggama kanaanan adda baafaman kurmaana lamaan bara kanaa hafan keessatti milkeessuuf ta'uu dubbaataniiru.

Gabaasa raawwii karoora BAAWO kan kurmaana 2ffaa bara 2016 kan dhiyeesse Daarikteera Daariktooreetii Biiroo Abbaa Alangaa waliigalaa Oromiyaa ob. Siisaayi Iddeessaati. Bu'ura Amajjii 24,2016

BAAWO

Finfinnee