Hooggansi Naannoo Oromiyaa Hojii gurguddoo fi ijoo Biiroon Abbaa Alangaa Hoojjete daawwate.

  • 06 Apr 2024
  • Posted by adminattorney
  • 0 Comments

Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa sagantaa agarsiisa sadarkaa Naannoo irratti Qindeessuummaa Biiroo Koominikeeshinii Oromiyaatiin qophaa'ee irratti hojiwwan gurguddoo Biiroo keenya keessatti waggoottan 30n darbe keessatti hojjetamaniif hooggantoota bara 1985-2016 irraa jalqabanii Biiroo kana hoogganaa turan suuraadhaan, suur-sagaleedhaan, Viidiyoodhaan, akkasumas barreeffamaa fi seerota gara garaa qabannee dhiyaachuun Hooggantoota Naannoo fi keessummoota gara garaatiif ibsa bala'aa kennuudhaan wa'ee Biiroo keenyaa roga hundaan akka beekamu taasisaa jirra.