Nu Qunnamaa   0115508204    info@oagb.gov.et                   

  • Slide Background Image
    gamaggama
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    BaniinsaYaa'ii Abbootii Alangaa Naannoo Marsaa1ffaa Magaala Adaamaa
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
    Eebbifamtoota bara 2014
  • Slide Background Image
    Leenjii Hooggansaa bara 2012-2013
  • Slide Background Image
    Ardaa Marii

 

Baga  Gara Marsariitii Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Nagaan dhuftan!

 

Haqaan Haqaaf Hojjanna      

             Ergama (Mission)

Naannoo Oromiyaa keessatti namoota heeraa fi seera darbanii fi gocha yakkaatiin shakkaman seeratti dhiyeessuun murtii saffisaa fi haqa qabeessa ta’e itti kennisiisuun ol’aantummaa seeraa mirkaneessisuudhaan nagaa fi tasgabbii uummatichaa eegsisuu,dantaa hariiroo hawaasaa ummataa fi mootummaa kabachiisuu, ragaa seera qabeessa ta’e galmeessuu, hubannoo seeraa hawaasichaa gabbisuu, seerotni sadarkaa isaanii eegataniifi heera mootummaan walsiman akka wixineeffamanii fi bifa walfakkaatuun hojii irra akka oolu taasisuu.

        Mul’ata (Vision)

Bara 2017tti naannoo Oromiyaa keessatti tajaajila Abbaa Alangummaa raawwii caalmaa qabu kennuun sirna haqaa amantaa uummataa horate uumuu dha.

 

 

Ergaa Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa

Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa hojiilee gurguddoo labsiidhaan kennamaniif afur galmaan gahuuf hojjata. Hojiileen kunniinis: Seeraa fi Sirna Heeraa kabachiisuu, Ol’aantummaa Seeraa kabachiisuu, Seera Yakkaa kabachiisuu fi Dantaa Hariiroo Hawaasaa Mootummaa Naannichaa fi Uummataa kabachiisuudha.

Kana irraa ka’uun ergaa ani dabarsuu barbaadu; Miseensonni mana hojii keenyaa Biiroodhaa hanga Aanaatti jirtan hundi Ergamaa fi Mul’ata Biiroon keenya qabatee hojjachaa jiru hubachuudhaan haqa uummanni keenya nurraa barbaadu gahumsaan mirkaneessuu qabdu. Tajaajilli nuti hawaasa keenyaaf kenninu qulqullinaa fi saffina qabaatee; loogii kami irraayyuu bilisa ta’uu qaba. Kanaanis uummata garaa gahuutu nurraa eeggama.  Maammiltoota keenyas fuula gaariin simannee fala kennuun gammachiisuu qabna. ‘’Jirbiin wal taatee Arba hiiti’’ akkuma jedhamu; nuti akka hawaasa mana hojii kanaatti hanga fedhe kutannoo fi fedhiin yoo hojjannuuyyuu, mul’ata akka Biirootti milkeessuuf qabanne bira gahuudhaaf, tumsaa fi deeggarsa qaamolee haqaa hunda wajjin tokkummaan hojjachuun milkaa’ina hojii sirna haqaatiif haa tumsinuun dhaamsa kooti.

Duudhaalee (Core Values)

  • Olaantummaa seeraa
  • Faayidaa uummataa eegsisuu fi dursa kennuu
  • Bilisummaa Ogummaa
  • Itti gaafatamummaa
  • Iftoomina
  • Hojimaataa badaa fi malaamaltummaa jibbuu
  • Fakkeenyummaa
  • Hirmaachisummaa
  • Tajaajila gahumsa qabu kennuu
  • Jijjiiramaaf qophaa’uufi hojjechuu
  • Beekumsaa fi amantaan hogganuu
  • Miira tajaajiltummaa qabaachuu fi
  • Aadaa gareen hojjachuudha.

  

 

ODUU

Maqaafi gurmaa’insi biirichaa yeroodhaa gara yerootti jijjiiramaa kan ture yoo ta’e illee, aangoofi hojii isaa keessatti dhimmootni ijoon irratti hojjetu kan walfakkaatoodha.

04/26/2024 - 09:41

Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa sagantaa agarsiisa sadarkaa Naannoo irratti Qindeessuummaa Biiroo Koominikeeshinii Oromiyaatiin qophaa'ee irratti hojiwwan gurguddoo Biiroo keenya keessatti waggoottan 30n darbe keessatti hojjetamaniif hooggantoota bara 1985-2016 irraa jalqabanii Biiroo kana hoogganaa turan suuraadhaan, suur-sagaleedhaan, Viidiyoodhaan, akkasumas barreeffamaa fi seerota gara garaa qabannee dhiyaachuun Hooggantoota Naannoo fi keessummoota gara garaatiif ibsa bala'aa kennuudhaan wa'ee Biiroo keenyaa roga hundaan akka beekamu taasisaa jirra.

04/06/2024 - 03:32

Guyyaa 24/7/2016: Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa guyyaa hara'aa Raawwii karoora baatii sagalii kan Damee dhaabbii Bahaa fi Damee Dhaabbii kibbaa gamaggamee jira. Gamaggamni Raawwii ji'a sagalii kun kan gaggeeffame bakka Hooggansi Olaanoon Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa fi Daariktooreetiin Biirichaa argamanittidha.

04/06/2024 - 03:29

Biiroon Abbaa Alangaa waliigalaa Oromiyaa Ogeessota seeraa Abukaatummaaf galmaa'an calalee qormaataaf dhiyeesse

02/13/2024 - 02:49

suuraa adda addaa